Oromia Evangelical Church of Columbus, Ohio
            
Welcome to Oromia Evangelical Church of Columbus Ohio Web Site.

May God’s Grace be with you! 


  
 


Oromiffaa








Waaqayyoo Oromia Haa Heebbisu


Kadhannaa dhaaf Gargaarsaan Oromia Hin Hirranffatiinaa!!!

Oromia Evangelical Church Web Site in Oromo Language

Ana Haa Dhufu! Aka Ati Dhufte Agni Haa Dhufuu!

Ana Haa Dhufu! Aka Ati Dhufte Agni Haa Dhufuu! Ana Haa Dhufu! Aka Ati Dhufte Agni Haa Dhufuu! Afaan Oromoo

Afaanii fii A’adaan mallattoo sabni tokko ittiin beekamu keessaa isa duraati. Ummati tokko jiruu fi jireenya isaa caalaatti guddifachuuf fii wayyeeffachuuf kan mijjatuuf yoo afaan isaatiin hojjetee dha.
 
Ilmi namaa afaan ofii tiin dubbachuuf, ittiin hojechuuf mirga dhalootaa qaba. Affan Africaa keessatti dubbatamu gara 1000 keessaa afaan Oromoo afaan guddinaan dubbatamu shanan keessa isa tokko. Kan caalaa nama boonsuu Afaan Oromoo cunqursaa fii hacuucaa hunda jala dabree bara kana afaan Africaa keessatti gurguddaa ta'an sadan keessa isa tokko. Waaqayyoof galanni haa ta'u.

Qubee Afaan Oromoo Boqonnaa 1ffaa *************************************************************************************************************
A F A A N  O R O M O O

A B C ...

Quboota sagaloota Afaan Oromoo Gurguddaa

A   E   I   M   R   W   B   F   J   N   S   X   C   G   K   O   T   Y  D   H   L   Q   U

Quboota sagaloota Afaan Oromoo Xixiqqaa

a   e   i   m   r   w   b   f   j   n   s   x   c   g   k   o   t   y   d   h   l   q   u 

Sagaloota Afaan Oromoo Quboota Cimdiin Barreeffaman

Ch   ch   Ny   ny   Sh   sh   Dh   dh   Ph   ph  

Afaan Oromoo sagaloota quboota Laatinii kan akka P fi V faa hin qabu. Garuu sagalee alagaa yammuu barreessan dhima ittti bahuun ni danda’ama.

Qubeen afaan Ormoo bakka lamatti qoodama. Dubbachiiftuu yookaan warra sagalee qaban.

Isaanis: A,E,I,O (a,e,i,o,u) Dubbifamaa yookaas warra sagalee hin qabne. A E I M R W B F J N S X C G K O T Y D H L Q U Isaanis: B,C,D,F,G,H,J,K,L,M,N,Q,R,S,T,W,X,Y = (b,c,d,f,g,h,j,k,l,m,n,q,s,t,w,x,y) Sagaloota Afaan Oromoo: Sagalee gabaabaa fii Dheeraa Sagalee gabaabaan dubachiiftuu gosa tokko lama ta’ee yoo waliitti a’anee dha. Sagalee Dheeraan dubbachiiftuu gosa tokko lama ta’ee yoo walitti a’anee dha.
 
Boqonnaa 2 ffaan itti fufa... ***********************************************************************************************




A'adaa Oromoo
 
A'adaa Oromo keessaa Eybbi iddoo guddaa qaba. Oromoon cidha gaa'elaa, daboo (guuza), fii ayyaana adda addaa irrtati eybbaan jalqabee eybbaan xumura. Sabni Oromooo saba eybbifamaa waan ta'eef waggaa kuma baayyee hamaa fii tolaa hundumaa damdamatee, wal horee jaarraa hardha keessa jirru kana keessa ga'uu danda'e.


Eybba Oromoo

Naannoo tokko tokootti Cidha Gaa'elaa irratti akkas jedhanii wal eeybbisu.
 
Coqorsaa, Ulumayii, biqila fii Annaniin qabatanii eybba wal irraa fudhatu.
Inni eybbisu yeroo jalqabu warri eybbifamu haa ta'u jechuu dhaan jalaa qabu.

Inni eybbisu: Qabatanii a'aga qabadha warri eybba fudhatu: haa'tu jedhu.
Rafaa abjuu qabadhaa
Adeemaa milkii qabadhaa
 Miillaan lafa qabadhaa
Harkaan Waaqa qabadhaa
 Coqorsaa lo'aa ta'aa
Gannaa fii bona lalisaa
Odaa dagaaga ta'aa
Gannaa fii bona garbaabaa
Annaniif garaa ta'a
Dhadhaa fii mataa ta'aa
Akka biftuu anga'aa
Akka qorsaa ifaa
Cirracha Abbayyaa
ta'a lakka'an isin hin fixiin
Madda Walaabuu ta'a
Woraabaan isin hin fixiin
Jalduu biikkoo ta'a
Qomaa fii dugdatti baadha
Goomattuf tolfattuun isin hin danda'in
Bona ongee baraaraa
Ganna balaqqee ofkala
Hamaa fii hamtuu isin irraa haa qabu
Kumaatama Horaa
ka hortanii wajjiin bulaa
Wal bira olaa
wal bira bulaa
Safuu waliif qabaadhaa
Eybbi kun eybba gosaa tii qabatee isin biraa hin hafiin
Ana hoofkalchaa
jechuu dhaan xumurama. *******************************************************************************************************************************

AMANTTI KRISTIYAANAA
 
AMANTTI KRISTIYAANAA BEEKSISA
 
An nan amana hundumaa kan dan danda’u
Waaqayyo Abaatti Uumaa waaqaatii fi lafaatti
An nan amana tokkicha ilma isaa Yesuus Kristos gooftaa keenyatti
Kan Ulfeeffame hafuure qulqulludhaan
Kn dhalates Maariyaam durbatti
Kan dhiphate bara Phillaaxos Phenxenichaatti
 Kan fannifames Kan du’es
Kan awwaalames
Si ‘olittis kan gad bu’e
Guyya sadaffaattis du’aa kan ka’e
Gara waaqaatti kan ol ba’e
Gara mirga isa hundumaa danda’uu
 Waaqayyo Abbaa kan taa’u
Warra Jiranii fi Warra du’anitti faradduudhaaf Achii kan deebi’u
An nan amana Hafuura qulqulluutti
Tokkicha qulullaa’aa waldaa Kristiyaanatti
Tokkumma qulqullootaatti
Dhiifamuu Cubbuutti
Du’aa ka’uu foonii
Jireenya bara baraattis.
 Amen



Kadhata Gooftaa
Yaa Abbaa keenyaa
Waaqa irraa kan jiraattu
Maqaan kee ha qulqullaa’u
Mootummaan kee haa dhufu
Jaalalli kee waaqa irratti akkuma ta’e
Akkanumas lafa irratti ha ta’u
Kan nu ga’u buddeena keenya har’aa nuuf keenni
 Yakkaa keenyas nuuf dhiisi
Nuyis immoo kan nu yakkannuuf akkuma dhiifnu
Qoramatti nu hin galchin
Hamaa nu oolchi malee
Mootummaan kan kee ti woo
Humnis, galannis baraa amma  bara-baraatti;
Ameen!
Web Hosting Companies